Fana: At a Speed of Life!

Haleellaa Qilleensaa Israa’eel har’a Gaazaa Sirxirratti raawwatteen Filisxeemoonni 33 ajjeefaman

Finfinnee, Caamsaa 8, 2013 (FBC) – Haleellaa Qilleensaa Israa’eel ganama har’aa Gaazaa Sirxirratti raawwatteen Filisxeemoonni 33 yoo ajjeefaman, 10 ammoo madaa’aniiru.
Waliigala hanga ammaatti Filisxeemoonni 180 ajjeefamaaniiru jedhame.
Namoota ajjeeffaman keessaa 52 daa’immaan ta’uu ibsameera.
Namoonni kumni 1 ol ammoo miidhaa qaamaaf saaxilamaniiru jedhame.
Gama Israa’eeliin daa’immaan lama dabalatee namoonni 10 ajjeefamuu himameera.
Muummee Ministiraa Israa’eel Benjaamin Netaniyaahuu haleellaa Gaazaa ‘cimsinee itti fufna’ jechuun isaanii kan yaadatamuudha
Maddi:- Al Jazeera
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.