Fana: At a Speed of Life!

Haleellaa raawwatameen loltoonni mootummaa Chaad 92 ajjeefaman

Finfinnee, Bitootessa 16, 2012 (FBC) – Haleellaa hidhattoonni Bokohaaram raawwataniin loltoonni mootummaa chaad 92 ajjeefamuu ibsame.
 
Haleellaa hidhattoonni kunneen naannoo hara chaaditti raawwataniin loltoonni mootummaa 92 ajjeefamuu Preezdaatniin chaad Idiriis Deebii Innoon ibsaniiru.
 
Haleellaa bulchiinsa Boomaatti raawwate kanaan loltoota 92 fi hoggantoota waraanaa dhabneerra jedhan Preezdaantichi.
 
Haleellaa sa’aattii 7 guutuu itti fufiinsan gaggeeffameen lubbuun namoota hedduu wareegamuu ibsaniiru.
 
Konkolaattoota waraanaa 24 dabalatee konkolaattoonni meeshaalee waraanaa fe’anii turan Bokohaaramiin fudhamuu isaanii Preezdaantichi himaniiru.
 
Bokohaaram naannichaatti namoota kuma 36 ajjeessuu fi namoota miiliiyoona 2 ammoo buqqaatiif saaxiluu isaa Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii beeksiseera.
 
Maddi:-CGTN
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.