Fana: At a Speed of Life!

Haleellaa wiirtuu leenjii loltoota Yaman irratti qaqqabeen lakkoofsi namoota du’anii 111 ga’e

Finfinnee, Amajjii 12, 2012 (FBC) – Haleellaa misa’eelaan tibba darbe wiirtuu leenjii loltoota Yaman irratti qaqqabeen lakkoofsi namoota du’anii 111 ga’eera.

Haleellaan misaa’eelaa kun wiirtuu leenjii loltoota naannoo Maariibitti argamu irratti kan qaqqabee ta’u anga’oonnii biyyattii himaniiru.

Waldhabdeen walii waliinii Yaman keessaatti wagga shan dura kan eegale yoo ta’u, haleellaa qaqqabeen kun hanga ammatti haleelloota qaqqaban keessaa isa sukkaneessaa ta’u gabaasichi ibseera.

Mootumman haleellichaa kan qaqqabsiisan finciltoota Haawuutii jedhuus, finciltoonnii kanneen gama isaaniin haleellaa qaqabeef itti gaafatamuumma fudhachuu irraa of qusataaniiru.

Dhimmicha irratti ibsa kan laataan preezdaantiin Yaman Abduraabuh Maansuur Hadii haleelaan qaqqabee gochaa shororkeessuumaa itti gafatamummaan kan itti hanqatuudha jedhaniiru.

Walitti bu’iinsa walii waliinii Yamanitti qaqqabeen hanga ammatti namoonni kuma 100 ol ta’an du’uu isaaniis himameera.

Kana irraa darbee lammileen miiliyoona 11 ol ta’an hanqina nyaataaf saaxilamaniiru.

Lammileen kuma 240 ta’an ammo rakkoo beelaaf saaxilamuu isaanii Sagantaan Nyaataa Addunyaa beeksiseera.

Maddi:-BBC

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.