Fana: At a Speed of Life!

Haleellaan Shororkeessitootaa badhaadhina Ityoophiyaa mirkaneessuurraa duubatti nun deebisu-TKM

Finfinnee, Fulbaana 14, 2015(FBC)- Haleellaan Shororkeessitootaa badhaadhina Ityoophiyaa mirkaneessuurraa duubatti kan hin deebisne ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.

Tajaajilichi ibsa Faanaa Broodkaastiing Korporeetiif ergeen, gareen shororkeessaa Shanee godina Horro Guduruu Wallaggaatti lammiilee nagaafi milishoota ajjeesuu yaadachiiseera.

Lixa Oromiyaa bakkeewwan garaagaraatti humni nageenyaafi uummanni garicharratti tarkaanfii fudhachuu yaadachiisuun, garichi bittinnaa’aa gara godina Horro Guduruu naannawaa Jaardagaa Jaarteetti baqachuu eereera.

Garichi ajjeechaa lammiilee nagaarratti kan raawwate guyyaa kaleessaa galgala ta’uufi ajaja shanee naannawaa sanaa Jaal Urjiifi ergamoota isaa irratti tarkaanfii fudhatame haaloo bahuuf akkasumas ayyaanota Masqalaafi Irrechaa jeequuf yaadee ta’uu tajaajilichi ibseera.

Yeroo ammaa kutaaleen hawaasaa garaagaraa naannawichaa qaamolee nageenyaa waliin qindaa’uun garicha naannawicha keessaa qulqulleessaa jiraachuu beeksiseera.

Gochi gara jabeenyaa diinonni wayita kaayyoon isaanii jalaa fashalaa’u lammiilee nagaarratti raawwatan kan nama gaddisiisu ta’uu kaaseera.

Ta’us tarkaanfiin badiisaa garee shororkeessitootaa badhaadhina Ityoophiyaa mirkaneessuurraa duubatti nun deebisu jedheera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.