Fana: At a Speed of Life!

Hammi dhiibbaa dhiigaa dubartootaa kan dhiirotaa caalaa olaanadha – Qorannoo

Finfinnee, Amajjii 7, 2012 (FBC) – Dubartoonni dhiirota caalaa dhiibbaa dhiigaaf saaxilamoo ta’uu qorannoon tokko ifoomse.

Qorannoon kana dura taasifame tokko dhiironni dubartoota caalaa dhiibbaa dhiigaaf saaxilamoo ta’uu ifoomset ture.

Qorannoon Ameerikaadhaa tibba kana ifoome tokko ammoo dhiibbaan dhiigaa dhiirota caalaa dubartoota irratti akka heddummaatu ifoomsera.

Qorannoon kun namoota umriin isaanii waggaa 5 hanga 98 ta’an kuma 32 fi 833 irratti kan adeemsifame yoo ta’u, kanneen keessaa kumni 17 fi 733 dubartoota turan.

Bu’aan qorannichaa akka muul’isutti dhiironni umrii digdamaa keessa jiran dhiibbaa dhiigaa olaanaaf ni saaxilamu jedha.

Yaata’uutii dubartoonni umriin isaanii waggoota 40n keessa jiran ammoo dhiibbaa dhiigaa olaanaa qaban jechuun qorattoonni beeksisaniiru.

Dhiibbaan dhiigaa gadi aanaan koorniyaa lamaan irratti kan walfakkaatu ta’uun ibsameera.

Walumaa gala bu’aan qorannichaa akka ifoomsetti dubartoonni dhiirota caalaa dhiibbaa dhiigaa olaanaa qabu jechuun ibseera.

Qorannichi dubartoonni umrii ijoollummaan dhiibbaa dhiigaa olaanaa ta’e qaban hanga umriin isaanii dabalaa deemu dhukkuboota onnee fi ujummoo dhiigaaf kan saaxilaman ta’uu mul’iseera.

Maddi:- upi.com/

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.