Fana: At a Speed of Life!

Hanga ammaatti oomishni kuntaalli miiliyoona 170 ol walitti qabameera-BQO

Finfinnee, Amajjii 23, 2015 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti qonna Gannaarraa hanga ammatti oomishni kuntaalli miiliyoona 170 ol walitti qabamuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.

Itti Aanaan Hoggaana Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Bariisoo Fayyisaa Faanaa Biroodkastingi Korpooretiif akka ibsanitti, naannichatti lafa heektaraa miiliyoona 6.4 ol Ganna oomisha qonnaan uwwiffame ture irraa hanga ammatti oomishni kuntaala miiliyoona 170 ol walitti qabameera.

Dabalataniis, qonna boneen lafti heektarri miiliyoona 1.1 oomishaan uwwiifame kunuunsi taasifamaa jiraachuu dubbataniru.

Tsahaay Gulummaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.