Fana: At a Speed of Life!

Hanga bara 2025tti anniisaa haara’u waliin ga’uuf Doolaarri biiliyoonni 6.5 ni barbaachisa jedhame

Finfinnee, Gurraandhala 4, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti anniisaa haara’u hanga bara Faranjootaa 2025tti waliin ga’uuf Doolaarri Ameerikaa biiliyoonni 6.5 kana barbaachisu ta’uu Ministeerri Bishaan, Jallisii fi Iinarjii beeksise.

Ministeerichi Baankii Addunyaa, gamtaa Awurooppaa fi dhaabbilee deeggartoota misoomaa waliin haala deeggarsa maallaqaarratti marii taasisaa jira.

Hanga bara 2025tti anniisaa haara’u waliin ga’uuf hojjetamaa jiraachuu marii kanarratti beeksiseera.

Ityoophiyaatti anniisaan haara’u bara 1998 irraa eegalee magaaloota naannoolee keessatti kan jalqabe yoo ta’u, yeroo ammaa magaaloonni baadiyyaa kumni 7 ol fayyadamoo anniisaa kanaa ta’uun ibsameera.

Bara 2025tti anniisaa haara’u guutuu biyyattiitti waliin ga’uuf Doolaarri biiliyoonni 6.5 kan barbaachisu ta’uu Ministir deettaan Ministeera Bishaan, Jallisii fi Iinarjii Dooktar Fireehiyiwat Waldahannaan dubbataniiru.

Ityoophiyaan humna elektirikaa akka oomishtuu fi fayyadamoo akka taatuuf dhiyeessiin humnaa ga’aa ta’ee akka jiraatuuf qoodni damee dhuunfaa adda duree ta’uu qaba jedhan.
Marii kanarratti hoggantoonni humna elektirikaa naannoolee fi deeggartoonni misoomaa hirmaataa jiru.

Dhiyeessiin anniisaa haara’uu guddina diinagdee magaaloota baadiyyaaf shoora olaanaa qaba jedhameera.
Sisaay Geetinnatitu gabaase.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.