Fana: At a Speed of Life!

Hanga guyyaa har’aatti Afrikaa keessatti namni Vaayrasii Koroonaan qabame tokkollee hin jiru jedhame

Finfinnee, Gurraandhala 6, 2012 (FBC) –Afrikaa keessatti hanga Gurraandhala 6, 2012tti namni Vaayrasii Koroonaan qabame tokkollee kan hin jirre ta’uu gamtaa Afrikaatti daayreektarri ittisaa fi too’annoo dhibee Dooktar Joon Nikeengaasoong himaniiru.

Daayreektarichi Vaayrasii Koroonaa ilaalchisee ibsa laataniiru.

Dooktar Joon Nikeengaasoong hanga guyyaa kanaatti namoonni dhibichaan shakkaman 51ta’uu ibsuun, qorannoo taasifameen hundi isaanii bilisa ta’uu mirkana’eera jedhan.

Maddi ka’umsa vaayrasii Koroonaa hanga ammaatti qabatamaan kan hin beekkamne akka ta’es ibsaniiru.

Akka ragaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaarraa argame mul’isutti hanga ammaatti namoota kuma 48 fi 10 Vaayrasichaan qabaman keessaa namoonni kumni 1 fi 383 du’aniiru.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.