Fana: At a Speed of Life!

Hangi oomisha bunaa Chaayinaan Ityoophiyaarraa bitte % 196 ol guddate

Finfinnee, Amajjii 13 , 2014 (FBC) – Hangi oomisha bunaa Chaayinaan Ityoophiyaarraa bitte % 196 ol guddachuu ibsame.

Guyyaa kaleessaa seeminarri Chaayinaatti Ambaasaaddarrri Ityoophiyaa Tashoomaa Toogaa irratti hirmaatan gaggeeffameera.

Kaayyoon seeminarichaa raawwii murtoowwan Fooramii Chaayinaa- Afrikaa hordofuuf akka ta’e ibsameera.

Seeminaarichaarratti Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaatti Daayrektarri Olaanaan Dhimmoota Afrikaa Wuu Peeng bara 2021 keessaa hangi oomisha bunaa Chaayinaan Ityoophiyaarraa bittee %196 dabaluu kaasaniiru.

Sekondii shan keessatti Bunni Itiyoophiyaa qalqalloon kuma 11 gurgurmuu isaas eeraniiru.

Waggoottan itti aananitti Chaayinaan oomishaalee qonnaa hangi isaa guddaa ta’e Afrikaarraa kan bittu ta’uu eeraniiru.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.