Fana: At a Speed of Life!

Hanqina qullubbii diimaa, xaafii fi zayitaa Finfinneetti muul’ate furuuf hojjetama ajira

Finfinnee, Caamsaa 21, 2012 (FBC) – Hanqina qullubbii diimaa, xaafii fi zayitaa Finfinneetti muul’ate furuuf hojjechaa jiraachuu Biiroon Daldalaa Finfinnee beeksise.
 
Hogganaan biirichaa obbo Abdulfattaa Yasuuf Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti akka himanitti, sababoota addaddaatin hanqinni mudachuu himaniiru.
 
Yaata’uutii bifa ga’aa ta’een dhiyeessuuf oomishtoota waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu eeran.
 
Hanqina dhiyeessii xaafiis furuuf naannolee waliin hojjetamaa jira jedhan.
 
Sababii tamsa’ina vaayrasii koroonaatin dhaabbilee daballii gatii hin malle taasisan, oomisha dhoksanii fi labsii yeroo ariifachiisaa cabsan 767 irratti tarkaanfiin fudhatameera.
 
Eejansiin Hojii Gamtaa Finfinnee gama isaatin oomishtoonni kallattii hundaan gara magaalichaa akka galan hojjechaan jira jedheera.
 
Bitootessaa eegalee xaafii, qamadii fi oomishaaleen dheedhii kuntaalli 56,495 naannoleerraa dhiyaatee shamattootaf raabsameera.
 
Xaafin kuntaalan Birrii 3,800 oliin, zayitni nyaataa abbaan liitira 5 Birrii 380 oliin akka hin gurguramne kallattiin taa’ee hordoffiin taasifamaa jiras jedhameera.
 
Taariik Addunyaatu gabaase.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.