Fana: At a Speed of Life!

Hanqina Simmintoo hir’isuuf hojjetamaa jira- Ministeera Daldalaa fi Indaastirii

Finfinnee, Fulbaana 12, 2014 (FBC) – Hanqina Simmintoo hir’isuu fi tasgabbiin gatii akka jiraatuu hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii beeksiise.

Shira diinagdee fi gatii oomisha Simmintoo to’achuuf koreen hundaa’e Raabsitoota Simmintoo fi qooda fudhattoota waliin mari’ateera.

Korichi dhiyeessii oomisha Simmintoo fooyyessuun sirni gabaa Simmintoo akka tasgabbaa’uu socho’aa jiraachuu ibsameera.

Yeroo ammaa guyyaan Simmintoo kuntaalli kumni dhibbi 1 fi kumni 95 oomishamaa jiraachuu himameera.

Rakkoo damichaan muudate furuuf guyyaan kuntaalli kumni dhibbi 2 fi kumni 40 akka oomishamuu fi kuntaalli kumni 80 gabaaf akka dhiyaatu hojjetamaa jiraachuu ragaan Ministeericharraa argame ni muul’is.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.