Fana: At a Speed of Life!

Hantuunni Afriikaa guddaan bakka boombiin awwaalame adda baasuun dandeettii olaanaa qabuuf badhaasa guddaa injifate

Finfinnee, Fulbaana 15,2013 (FBC)- Hantuunni Afriikaa guddaan bakka boombiin awwaalame adda baasuun dandeettii olaanaa qabuuf badhaasa guddaa injifate.

Maagaawaan boombiiwwan 39 fi rasaasa hin dhukaane 28 bakka jiru adda baasuu danda’eera, erga hojii eegalee as.

Dhaabbanni gargaarsaaYuunaayitid Kingidaam, PDSA jedhamu ‘‘Kaamboodiyaa bakka boombiin heddumminaan itti awwaalamee nama ajjeesutti tajaajila lubbuu oolchuu raawwateef’’ meedaaliyaa warqee badhaaseeraan.

Biyya Kibbabaha Eeshiyaatti argamtu kana keessatti boombiiwwan miiliyoona jahaa ol awwaalamanii akka jiran yaadama.

Meedaaliyaan Warqee PDSA jechoota ‘‘Kutannoo beeladni agarsiiseef’’ jedhan ofirraa qaba.

Beeyiladoota 30 meedaaliyaa kana badhaafaman keessaa, Maagaawaan hantuuta isa jalqabaati.

Hantuunni ganna torba guute kun dhaabbata Beeljiyem kan Taanzaaniyaatti argamu ‘Apopo’ jedhamuun kan leenji’e yoo ta’u, dhaabbatichi bara Franjoota 1990 keessaa eegalee hantuutota boombii awwaalameefi dhukkuba TB adda baasan leenjisuu irratti argama.

Beeyiladoonni kunneen leenjii wagga tokkoon booda sartafikeetii argatu.

‘‘Badhaasa kana argachuun nuuf kabaja guddaadha’’ kan jedhan hogganaan Apoopoo Kiriistoof Kooksi, ‘‘Caalaatti garuu ummata Kaamboodiyaafi addunyaa biroorra boombii awwaalameen miidhamaa jiraniif injifannoodha’’ jedhani.

Maddi:- BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.