Fana: At a Speed of Life!

Har’aa eegalee maallaqa harkaa harkatti dabarsuun bittaa gurgurtaa qabeenyaa gaggeessuun hin danda’amu- eejansicha

Finfinnee, Fulbaana 7, 2013 (FBC) – Har’aa eegalee maallaqa harkaa harkatti dabarsuun bittaa gurgurtaa qabeenyaa gaggeessuun kan hin danda’amne ta’uu Eejansiin Mirkanaa fi Galmeessa Dookumantii Federaalaa beeksise.
 
Jijjiirraa maallaqaa sababeeffachuudhan har’a Fulbaana 7,2013 eegalee qabeenya socho’uu fi hin sochoone bituu fi gurguruuf tajaajila argachuuf gara eejansichaa yoo dhufan gatii gurgurtaa yookin kaffaltii liqaarratti adeemsa barbaachisaa hordofamuu ilaalchisee ibsa laatera.
 
Waliigaltee gurgurtaarratti gatiin gurgurtaa herreega baankii bittuurraa hir’ifamee gara herreega gurgurtuutti kan dabarfamu ta’a.
 
Waliigalteen liqaatis akkasuma herreega liqeessaarraa hir’ifameet gara herreega liqeeffataatti kan dabarfamu ta’a.
 
gurgurtaa qabeenya socho’aas ta’e kan hin sochoone akkasumas waliigalteen liqaa
 
Eejansichis ragaa baankii chaappaa qabuu(Bank Transfer Slip) ka’umsa godhatee dookumantoota mirkaneessee tajaajila kan laatu ta’a jedhameera.
 
Hojii seermaleessummaa ittisuuf hanga fooyyessi hojimaataa taasifamutti tajaajila galmeessaa fi mirkanaa qabeenya socho’aas ta’e hin sochoone kennaadhan dabarsuu yeroo hin mutoofnef kan hin laanne ta’a.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.