Fana: At a Speed of Life!

Harariitti sababii walitti bu’iinsaa furuu fi yakka to’achuurratti hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Gurraandhala 4, 2012 (FBC) – Naannoo Harariitti sababii walitti bu’iinsaa furuu fi yakka to’achuurratti hojjetamuu Manni Maree Nageenyaa Naannoo Hararii beeksise.
 
Manni maree nageenyaa naannichaa kaleessa raawwii hojiisaa gamaaggameera.
 
Koomiishinii Poolisii Naannoo Harariitti daayreektarri daayreektoreetii ittisa yakkaa fi to’annoo tiraafikaa Koomaandar Abdii Ibraahiim akka jedhanitti, sababoota walitti bu’iinsaa hir’isuu fi yakka to’achuurratti hojjetamaa tureera.
 
Weerara lafaa ittisuurratti hojjetamuu, rakkoo nageenyaa ayyaana Cuuphaarratti uumameen shakkamtoota 168 to’ataman keessaa 138 qoratamanii gadhiifamuu eeraniiru.
 
Konkolaattota miilla sadii hatamanii turan 18 keessaa, 17 deebifamuu ibsan.
 
Daldala koontiroobaanditiin meeshaaleen Birrii kuma dhibba 4 fi kuma 47 qabamuu eeran.
 
Daldala seeran alaa boba’aatin, boba’aa liitirri kumni 4 ol to’atameera.
 
Daddabarsa namoota seeran alaatin lammiileen 86 fi daddabarsitoonni 11 to’atamanii dhimmi isaanii seeran ilaallamaa jira.
 
Konkolaattonni lakkoofsa gabatee hin qabne 118 to’atamanii tarkaanfiin irratti fudhatameera.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.