Fana: At a Speed of Life!

Hariiroo diinagdee Ityoophiyaa fi Afrikaa Kibbaa cimsuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Muddee 21, 2012 (FBC) – Ministirri Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachaw Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Afrikaa Kibbaa Eedwaard Zoolasaa Maakaayaa waajjira isaaniiti simachuun haasofsiisaniiru.

Ityoophiyaa fi Afrikaan Kibbaa biyyoota sirna gita bittaa Appaartaayidii kuffisuuf qabsoo seena qabeessa bara dheeraa waliin taasisaa turan ta’uu obbo Gadduun waayita kana dubbataniiru.

Biyyoonni kun sirna farra Appaartaayidii kuffisuun akkuma injifannoo siyyaasaa goonfatan damee diinagdeenis dabaluuf walitti hidhamiinsaan hojjechuu akka qaban ibsaniiru.

Ityoophiyaan hariiroo Afrikaa Kibbaa waliin qabdu cimsuuf xiyyeeffannoo addaan kan hojjettu ta’uu obbo Gadduun dubbataniiru.

Walitti dhufeenya naannoo fi idila addunyaa irratti hariiroo qaban cimsuuf bifa addaan kan hojjetamu akka ta’es eeraniiru.

Obbo Gadduun nageenyaa fi mirga  lammiilee Ityoophiyaa biyyattii keessa jiraatanii kabachiisuuf walitti dhiyeenyan hojjetamuu akka qabu ibsaniiru.

Abbootiin qabeenyaa Afrikaa Kibbaa hedduun Ityoophiyaatti misooma  invastimantii irratti bobba’anii argamanis lakkoofsa isaanii dabaluuf ni hojjetama jedhaniiru.

Ambaasaaddar Eedwaard gama isaanitiin, sirna Appaartaayidii injifachuuf deeggarsi Ityoophiyaan biyya isaaniif goote shoora olaanaa ta’uu himuun, Afrikaan Kibbaa yeroo kamiiyyuu michuu Ityoophiyaati jedhan.

Akkuma siyyaasaa hariiroon gama diinagdeen jiru akka milkaa’uf Afrikaan Kibbaa xiyyeeffannoon ni hojjetti jedhan Ambaasaaddar Eedwaard Zoolasaas.

Mootummaan Afrikaa Kibbaa nageenyaa fi mirga lammiilee Ityoophiyaa fi kanneen biroo eeguuf yeroo kamiyyuu caalaa kan hojjetu ta’uus eeraniiru.

Miidhaa darbee darbee lammiilee biyyoota alaa irra ga’u ittisuuf bara kana Gamtaa Afrikaa waliin ta’uun kora nageenyaa qopheessuuf karoora qabaachuu isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni agarsiisa.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.