Fana: At a Speed of Life!

Hariiroo invastimantii Ityoophiyaa fi Kooriyaa Kibbaa cimsuuf yaa’iin gaggeeffame

Finfinnee, Fulbaana 20, 2015 (FBC)- Hariiroo invastimantii Ityoophiyaa fi Kooriyaa Kibbaa cimsuuf kan kaayyeffatee yaa’iin daldalaa fi invastimantii Kooriyaa Kibbaa Busaanitti gaggeeffameera.

Kooriyaa Kibbaattii Embaasiin Ityoophiyaa akkasumas Waldaan Daldalaa Kooriyaa-Ityoophiyaa, yaa’iin invastimantii fi daldalaa qopheessan hariiroo invastimantii cimsuufi hariiroo daldalaa ijaaruuf kan kaayyeffateedha jedhameera.

Kooriyaa Kibbaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Dasee Daalkee yaa’icharratti, biyyoota lameen gidduu hariiroo seena qabeessi cimaan jiraachuu yaadachiisanii hariiroo kanas gara hariiroo invastimantii caaluutti ceesisuu barbaachisa jedhan.

Ittaanaan Koomishinaraa Koomiishinii Invastimantii Ityoophiyaa Koomishinar Daani’eel Tarreessaa gama isaaniin, riifoormiin Ityoophiyaatti taasifame haalota mijatoo uumuu ibsanii, gara Ityoophiyaa dhufuun abbootii qabeenyaa hojii invastimantiirratti bobba’uu barbaadan tumsuuf mootummaan kutannoo qabaachuu dubbataniiru.

Yaa’ii invastimantii fi daldalaa cinaattis abbootii qabeenyaa Kooriyaa Kibbaa waliin marii daldalarratti xiyyeeffate gaggeessaniiru.

Maddi:-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.