Fana: At a Speed of Life!

Hasan Sheek Mahaammad Preezdaantii Somaaliyaa ta’uun filataman

Finfinnee, Caamsaa 8, 2014 (FBC) – Filannoo Preezdaantummaa guyyaa kaleessaa gaggeeffameen Hasan Sheek Mahaammad Preezdaantii Somaaliyaa ta’uun filatamaniiru.

Paarlaamaan Somaaliyaa Hasan Sheek Mahaammad Preezdaantii biyyattii taasiisuu filateera.

Hasan Sheek Mahaammad Preezdaant Mahaammad Abdullaahii Faarmaajoo injifachuun Preezdaantii Somaaliyaa waggoottan arfan itti aananii ta’uu mirkaneeffataniiru.

Hasan Sheek Mahaammad sagalee 214 argachuun Preezdaantii biyyattii yoo ta’an Mahaammad Abdullaahii Faarmaajoon ammoo sagalee 110 argatan.

Hasan Sheek Mahaammad yeroo 2ffaaf kan filataman yoo ta’uu, bara Faranjootaa 2012 hanga 2017tti biyyatti dursaa turaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.