Fana: At a Speed of Life!

Hawaasa godaansa seeraan alaa balaalleffatu uumuun murteessaadha jedhame

Finfinnee, Bitootessa 25, 2013 (FBC) – Hojii ittisaafi to’annoo godaansa seeraan alaaratti Dhaabbata Godaansaa Idil-Addunyaa waliin ta’uun qindeessummaa Biiroo Dhimma Hojjetaafii Hawaasummaa Oromiyaatiin waltajjiin marii Adaamaatti taa’amaa jira.

Waltajjiin marichaa ittisaafii to’annoo godaansa seeraan alaarratti sosochii ummataa Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti uumuuf leenjii hooggansaa sadarkaa godinaafi magaalotaa Oromiyaatiif ni kennama jedhameera.

Godaansaa seeraan alaa ittisuudhaaf carraalee jiran ilaaluun, miidhaa gamaa kanaan dhufu ittisuun danda’amurrati hunduu gahee isaa bahachuu akka qabu Hoggantuun Biiroo Dhimma Hojjetaafii Hawaasummaa Oromiyaa Aaddee Jamiilaa Simbiruu dubbataniiru.

Godaansa seeraan alaa dhaabsisuuf dhimmoota dargaggootaa kakasaniifi godaansa seeraan alaaf dhimmoota garasitti oofan ittisuurratti qaawwi akka jiru eeranii, carraalee naannawaa keenyaa balisnee ilaaluu dhabuun, godansa seeraan alaaf daandii akka ta’e himaniiru.

Naannoo Oromiyaa keesasaa godinaalee 7tti godaansi seeraan alaa kan heddummaatu ta’uu eerameera.

Sagantaa kanarrattii hooggansi godinaalee fi magaalota akkasumas qooda fudhattoonnii hirmaataaniiru.

Ittisa godaansa seeraan alaarratti muuxannoo jiru, qajeelfamoota seeraa jiraniifi hojiilee hanga ammmaattii hojjetaman irratti ni mari’atama jedhameera.

Waltajjiin marichaa guyyoota 2’f kan turuudha.

Dabalaa Taaddasaatu gabaase

 

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.