Fana: At a Speed of Life!

Hawaasatti warshaan oomisha saaniitaayzarii Birrii miiliyoona 3.5 oliin ijaarramaa ture hojii eegale

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2012 (FBC) – Hawaasatti warshaan oomisha Saaniitaayzarii Birrii miiliyoona 3.5 oliin ijaarramaa ture hojii eegaluu ibsame.
 
Baajata mootummaa fi hirmaannaa ummata naannichaan kan ijaarrame warshaan kun tattaaffi weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf taasifamu milkeessuuf shoora qaba jedhame.
 
Sirna eebbichaarratti kan argaman sadarkaa itti aanaa preezdaantiitti qindeessaan kilaaster hawaasummaa fi hogganaan Biiroo Barnoota naannoo Kibbaa Dooktar Geetahuun Gaaradaw hawaasa mootummaa cinaa ta’uun deeggarsa hunda galeessa taasisan galateeffataniiru.
 
Dooktar Geetahuun balaa uummamaa fi namtolchee hawaasa muudatu furuuf deeggarsa Waldaan Fannoo Diimaa taasisu dinqisiifataniiru.
 
Walitti qabaan boordii Fannoo Diimaa naannoo Kibbaa obbo Yohaannis Lattaamoos warshaa kana ijaaruuf deeggarsi dameen Fannoo Diimaa naannichaa taasise kan jajjabeeffamu ta’uu himaniiru.
 
Warshaan oomisha Saaniitaayzarii hirmaannaa uummataa fi deeggarsa mootummaan ijaarrame kun weerara vaayrasii koroonaa qolachuuf shoora olaanaa kan qabu ta’uu isaa ragaan Biiroo Koomiinikeshinii naannichaarra argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.