Fana: At a Speed of Life!

Hawaasni bulchiinsa Magaalaa Jimmaa hojii ashaaraa magariisaatti hirmaachaa jira

Finfinnee, Adooleessa 6, 2013 (FBC)- Hawaasni bulchiinsa Magaalaa Jimmaa hojii ashaaraa magariisaatti hirmaachaa jiru jedhameera.

Hawaasni magaalichaa hojii ashaaraa magariisaa akka Oromiyaatti aduu tokkotti biqiltuu miiliyoona 300 ol dhaabuuf karoorfame keessatti qooda fudhachaa jira.

Dhaabbii biqiltuu akka bulchiinsa magaalaa Jimmaatti geggeeffamaa jirurratti kan argaman kantiibaan magaalaa Jimmaa obbo Tijjaanii Naasir, akka bulchiinsa magaalichaatti bilqiltuun miliyoona 1 akka dhaabamu karoorfamu himaniiru.

Shooraa hawaasni magaalaa Jimmaa,hojjettoota waajjiraalee hojii mootummaa magaalichaa fi dhaabbilee miti mootummaa hojicha milkeessuuf bahan galateeffataniiru.

Oduuma wal-fakkaatun Godina Jimmaatti hojii ashaaraa magariisaa akka Oromiyaatti qabame fiixaan baasuuf aduu tokkotti biqiltuu miliyoona 28.6 dhaabuuf aanaaleen godinichaa 21 hirmaachuu obbo Abdulhaakim Muluu bulchaan godina Jimmaa FBC’tti himaniiru.

Dabalataan obbo Abdulhaakim akka godina Jimmaatti ganna kana qofa biqiltuun miiliyoona dhibba 2 fi miliyoona 97 akka lafa qabatuuf jiraattota godinichaa waliin karoorfamee hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Jamiilaa Jamaalii fi Iddoosaa Abdiitu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.