Fana: At a Speed of Life!

Hawaasni Diyaaspooraa Doolaara kuma dhiba 7 ol ijaarsa Hidha Haaromsaaf deeggarsa taasise

Finfinnee, Hagayya 8, 2012 (FBC) – Bara baajataa darbeetti hawaasni Diyaaspooraa Doolaara kuma dhiba 7 ol ijaarsa Hidha Haaromsaaf deeggarsa taasisu himame.
 
Bara baajataa darbe keessa hawaasni Diyaaspooraa Doolaara Ameerikaa Kuma dhibba 7 fi kuma 37 fi 506 deeggarsa taasisuu Ejansiin Diyaaspooraa Ityoophiyaa beeksise.
 
Erga ijaarsi Hidha Haaromsa Guddaachaa eegalamee hanga ammaatti hawaasni Diyaaspooraa Doolaara Miiliyoona 42 ol deeggarsa taasiisu ejansichi ifoomseera.
 
Daayreektarri olaantuun Ejansii Diyaaspooraa Ityoophiyaa aadde Salamaawiit Daawiit,ijaarsa hidhichaaf deeggarsi hawaasa Diyaaspooraa cimee itti fufu himaniiru.
 
Haala ijaarsa hidhichaan walqabatee hirmaannaan laafee ture, jijjiirrama as cimee itti fufeera jedhan.
 
Keessattuu Guutinsi bishaanii marsaan jalqabaa milkiin xumuramuun isaa kaka’umsa olaanaa uumuu dubbataniiru.
 
Maddi:-TOI
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.