Fana: At a Speed of Life!

Hawaasni Diyaaspooraa Paarkii Indaastirii Hawaasaa daawwatan

Finfinnee, Amajjii 10, 2014 (FBC) – Hawaasni Diyaaspooraa naannoo Sidaamaatti Paarkii Indaastirii Hawaasaa daawwataniiru.

Miseensonni Diyaaspooraa kunneen tibbana filannoowwan Invastimantii naannichaa daawwachaa kan turan yoo ta’u, guyyaa har’aa Paarkii Indaastirii Hawaasaa daawwataniiru.

Sagantaa daawwannaa kanarratti miseensonni diyaaspooraa 150 ol ta’an argamaniiru jedhame.

Sochii waliigalaa paarkii Indaastirichaa fi filannoowwan Invastimantii paarkicha keessa jiru daawwachuu ibsameera.

Miseensonni Diyaaspooraa kunneen Paarkii Indaastirii Hawaasaa dabalatee Paarkiiwwan Indaastirii Korporeeshinii Misooma Indaastirii Paarkiiwwanii jalatti kan bulan Paarkiiwwan 5 daawwachuu isaanii ragaan Korporeeshinii Misooma Indaastirii Paarkiiwwanii irraa argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.