Fana: At a Speed of Life!

Hawaasni ergaawwan sobaa burjaaja’uurraa akka of qusatu hubachiifame

Finfinnee, Caamsaa 15, 2014 (FBC) – Mootummaan Naannoo Amaaraa hawaasni ergaawwan sobaan burjaaja’uurraa akka of qusatu hubachiise.

Humnoonni Amaaraa salphisuuf hojjetaa jiran yeroo garagaraatti sanadoota sobaa qopheessuun tamsaasa turuun kan eerame yoo ta’u, har’as akkuma kaleessaa mootummaadhaan beekamtii kan argatee fi gootota Ityoophiyaa kan ta’an Faannoon tarkaanfii fudhachuufi kan jedhu ibsa dirqama raawwii opireeshinii maqaa jedhuun sanada sobaa tamsaasuurratti kan argamuudha.

Sanadaa kalaqaa sobaa shororkeessitoota ABUT fi bakka bu’oota isaa kana Mootummaan Naannoo Amaaraa kan hinbeekne yoo ta’u, diinni fuuldurattis sanadoota sobaa qopheessuudhaan tamsaasuu isaa itti fufuun isaa waan hin oolleedha.

Kanaaf, hawaasni jaalattoota nageenyaa naannichaa hundi sanadoota kalaqaa sobaa akkanaarraa of qusachuu akka qabu waamicha dhiyeesseera.

Irra deebiidhan gaaffii ummataa keenyaa kan ta’e gaaffii nageenyaa fi tasgabbii deebisuuf ummata hunda hirmaachisuudhaan olaantummaa seeraa mirkaneessuuf tarkaanfiin fudhtamaa kan jiru yoo ta’u, tarkaanfii kanaan injifannoo cululuqaan galmaa’eera jedheera.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.