Fana: At a Speed of Life!

Hawaasni idil addunyaa deeggarsa namoomaa Afrikaaf taasiisan cimsinii itti fufuu qabu -MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Caamsaa 19, 2014 (FBC) – Hawaasni idil addunyaa deeggarsa namoomaa Afrikaaf taasisan cimsuu akka qaban Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad waamicha dhiyeesan.

Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimadii fi jilli isaanii yaa’ii addaa Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 15ffa irratti hirmaachaa jiru.

Muummee Ministiraa Abiy Ahimad akka ibsanitti, Gaanfaa Afrikaattii sababa jijjiiraama qabeenya qilleensaa fi hongeetiin gaaga’amni namoomaa qaxanichatti mudateera.

Miidhaa balaa uumamaa kana hir’isuuf qaamolee tumsitootaa waliin ta’uun hojiilee bal’aan gaggeeffamaa jiraachuu kaasaniiru.

Hongee irraa deddeebiin naannicha mudataa tureef tarkaanfiin ittisaa cimaan murteessaa ta’uu himaniiru.

Ityoophiyaatti sagantaa ashaaraa magariisan biqiltuuwwan biiliyoonatti lakkaa’aman dhaabamuu fi yeroowwan itti aanaan qormaatilee jijjiirama qabeenyaa qilleensaatiin dhufuu danda’u dandamachuuf hojiin eegalaman cimanii itti fufu jedhan.

Diinagdee Addunyaarratti qaala’iinsa gatii hammaataan kan mul’atu ta’us, biyyattiitti godaantotaa fi kanneen qe’ee isaaniirraa buqqa’an lammiilee miiliyoonatti lakkaa’amaniif hawaasni addunyaa deeggarsa namoomaa taasisuu cimsee itti fufuu qaba jedhaniiru.

Muumeen ministiraa Abiy, Gaanfaa Afrikaatti deeggarsa namoomaa saffisiisuuf hawaasni idil addunyaa tumsa isaa cimsuu akka qaban waamicha dhiyeessuu isaanii EBC’n gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.