Fana: At a Speed of Life!

Hawasni dhiiga arjoomuun lubbuu akka baraaran gaafatame

Finfinnee, Amajjii 14, 2012 (FBC) – Hawasni dhiiga arjoomun lubbuu baraaruun ga’eesa akka ba’atu Tajaajjilli Baankii Dhiigaa Biyyoolessaa beeksise.

Tajaajjilli Baankii Dhiigaa Biyyoolessaatti Gaggeessan Garee Dhiiga Arjoomtotaa obbo Zalaalam Kaasaayee hanqina dhiigaan du’aatii haadholii, daa’imman, waldhaanamtoota yaala baqaqsanii yaaluu, miidhaa balaa tiraafikaa fi kanneen biroon dhufan dhiiga arjoomuun du’arra oluu akka qaban ibsaniiru.

Lammiin Ityoophiyaa umurii 18 hanga 65 kiiloo 45 ol ta’e kamuu gara dhaabbatichaa dhufuun deeggarsa namummaa taasisuun ga’eesa ba’achuu akka danda’u obbo Zalaalam eeraniiru.

Dhaabbatichi karoora Baatii 6 %98 milkeessuu fi akka biyyaalessatti haalli dhiiga arjoomu sadarkaa gaarirra jiraachu ibsaniiru.

Namni kamuu Baatii sadiin dhiiga arjoomu akka danda’uu fi bilbila tolaa 8040 fayyadamuun bilbiluu akka danda’u himaniiru.

Miidiyaa, dhaabbileen amantii akkasumaas qamooleen dhimmisaa isaan ilaallatu hawasni dhiiga akka arjoomuniif hojii kakaasi akka hojjetan dhaabbatichi waamicha dhiyeessera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.