Fana: At a Speed of Life!

Hidhattoonni gosa Muurlee  Sudaan Kibbaa ka’uun daangaa ce’anii  Gambeellaatti halleellaa raawwatan

Finfinnee, Amajjii 13 , 2014 (FBC) – Hidhattoonni gosa Muurlee Sudaan Kibbaa ka’uun daangaa ce’anii  Gambeellaatti halleellaa raawwachuu Komishiniin Poolisii Gambeellaa beeksise.

Haleellichaan lubbuun namoota 8 darbuu fi namoota 5 irratti miidhaa cimaa fi salphaan ga’uu ibsameera.

Hidhattoonni gosaa Muurlee Sudaan Kibbaarraa daangaa ce’uun godina Nuweer aanaa Akooboo ganda Kankaanitti dhukaasa banuun lammiileerratti miidhaa qaqqabsiisuu Komishinarri Komishinii Poolisii naannichaa Abuulaa Uboong ibsaniiru.

Yeroo ammaa naannichi poolisii humna addaa naannichaa fi Milishaa fayyadamuun hojii nageenya mirkaneessuu hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Hawaasni naannichaa sochii hidhattoota kanneenii dammaqinaan eeguun mootummaaf eeruu akka kennu yaadachiisaniiru.

Hidhattoonni gosa Muurlee waggoottan dura daangaa ce’uun godinota Nuweerii fi Anyuwaak seenuun daa’imman hedduu ukkaamsanii fudhachuu, loon kuma 2 ol oofanii fudhachuu fi  lubbuu namoota 170 ol galaafachuun isaanii yaadachiisaniiru.

Yerochatti Raayyaan Ittisa Biyyaa gara Sudaan Kibbaa seenuun naannoo hidhattootaa kanneen irratti haleellaa raawwachuun daa’imman ukkaamfamanii fudhataman keessaa daa’imman 100 ol gara maatii isaaniitti deebisuu ibsuu isaanii ragaan Seekretariyaat Preesii naannichaarraa argame ni mulisa.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.