Fana: At a Speed of Life!

Hidhattoonni Sudaan Kibbaa weerarri Naannoo Ummatoota Kibba Lixa Ityoophyaatti raawwatan hinjiru jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2014 (FBC) – Hidhattoonni Sudaan Kibbaa weerarri Naannoo Ummatoota Kibba Lixa Ityoophiyaatti raawwatan akka hinjirre Ittigaafatamaan Biiroo Bulchiinsaaf Nageenyaa Naannichaa Obbo Aandinnat Ashannaafii ibsan.

Gaazexaan Rippoortar maxxansa isaa Waxabajjii 19, 2014 irratti hidhattoonni Sudaan Kibbaa weerara Naannoo Ummatoota Kibba Lixaa Ityoophiyaatti raawwataniiru jechuun gabaasni baase dogoggora ta’uu fi weerarri humnoonni Sudaan Kibbaa hidhatan raawwatanis akka hinjirre himaniiru.

Nannichaatti kan mudate jireenyaa horsiisee bulaan walqabatee walitti bu’iinsa duraanuu mudatu ta’uu eeraniiru.

Naannichi kallattii hundaan nagaa ta’uu eeranii Godina Oomoo Aanaan Surmaa Sudaan Kibbaan kan waldaangessuu, hawaasni naannawichaa horsiisee bultoota waan ta’aniif, sababa lafa dheedichaa, bishaanii fi qonnaatiin darbee darbee walitti bu’iinsii fi saamichi akka gaggeeffamu Obbo Aandinnat ibsaniiru.

Naannawaa daangaatti walitti bu’iinsa mudatus mootummaan Federaalaa fi Naannoo Mootummaa Sudaan Kibbaa waliin mari’achuun furuuf hojiilee bal’aa hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Nageenya ummataa eeguun dirqama mootummaa naannichaati jedhanii, qaamolee nageenyaa naannichaa qindeessuun xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Obbo Aandinnat haala yeroo biyyattii sababeeffachuun gabaasni Gaazexaan Rippoortar Waxabajjii 19, 2014 baase haala qabatamaa jirurraa kan fagaatee fi sirrachuu akka qabu ibsaniiru.

Hawaasni naannichaa hunduu qaamolee nageenyaa waliin ta’uun naannawaa isaa akka tikfatu, ajandaa fiinxaaleyyiif gurra kennu akka hinqabne hubachiisuu isaanii ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.