Fana: At a Speed of Life!

Hidhi Haaromsaa mallattoo olaantummaa ilaalchaa fi gochaati – preezdaant Saahilawarq

Finfinnee, Bitootessa 24, 2012 (FBC) – Hidhi Haaromsaa Ityophiyaanotaaf mallattoo olaantummaa ilaalchaa fi gochaati jedhan preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen.
 
Har’a Bitootessa 24 waggaa 9ffaa ijaarsi Hidha Haaromsaa itti jalqabame yaadachaa jirras jedhaniiru.
 
Ijaarsi hidhichaa mallattoo olaantummaa yaadaa fi gochaatis jedhaniiru preezdaant Sahilawarq Zawdeen ibsa isaanitiin.
 
Proojaktichi hiyyummaa barootaf nurra tuulame cabsuuf gaabbii hojiirra ooles jedhan.
 
Ijaarsi hidhichaa tumsaa fi waldhageettiin injifannoo Adwaa kan itti daballeen ibsan.
 
Ijaarsi Hidha Haaromsaa xumuramee gammachuu injifannoo akka dhandhamannu gumaachaa fi deeggarsa itti yaa fufnuunis dhaamaniiru.
 
Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf hojjechaa, hidhichaaf deeggarsaa fi tumsa itti yaa fufnuun waamicha dhiyeessaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.