Fana: At a Speed of Life!

Himanni Tiraamp Pensalvaaniyaarratti dhiyeessan kufe

Finfinnee, Sadaasa 13, 2013 (FBC) – Abbaan murtii himata Tiraamp Pensalvaaniyaarratti dhiyaassan kuffise.
Tiraamp filannoo preezdaantummaan injifatamusaanii amanuu diduun, filannoon waliin dhahameera jechuun ragaa malee himanni dhiyeessan abbaan murtii Pensalvaaniyaa harkaa kuffisuu himameera.
Tiraamp sagaleen laatame kufaa akka ta’u himata bananii turan.
Abbaan murtii Braayin garuu himannaan Tiraamp hiikoo kan hin qabnedha jechun kuffisaniiru.
Duulli filannoo Tiraamp himannaa seeraa bulchiinsota Ameerikaa murteessootti bane kuffisuun, Baaydan filannicha injifachuu caalaatti mirkaneesse.
Rippaablikaanonni muraasni Tiraamp injifatamuusaanii akka fudhatan waamicha dhiyeessan illee, Seenetarri Rippaablikaanotaa Paat Toomii murtoo kana booda Tiraaamp injifatamuusaanii guutummaatti fudhachuu qabu jedhaniiru.
Maddi:-BBC
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.