Fana: At a Speed of Life!

Himatamtuun Abbaa Manaa ishee haala suukaneessaan ajjeefte hidhaa cimaan adabamte

Finfinnee, Hagayya 10, 2014 (FBC) – Dubartii biroo waliin hariiroo jalqabdeerta jechuun, himatamtuun Abbaa Manaa ishee haala suukaneessaan ajjeefte hidhaa cimaa waggaa 18 adabamteerti.
Himatamtuun Tigist Azzazaaw jedhamtu Fulbaana 10, 2014 Kutaa magaalaa Eekkaa aanaa 10 iddoo addaa Anqorcaa jedhamutti abbaa manaa ishee haala suukaneessan ajjeefte hidhaa cimaa waggaa 18 adabamuu Poolisiin magaalaa Finfinnee beeksiiseera.
Himatamtuun kun abbaa manaa ishee ijoolee 3 waliin qaban dubartii biroo waliin hariiroo eegalteerta jechuun iddoo rafee jirutti haala suukaneessaan ajjeesuu Poolisii magaalaa Finfinneetti ragaan damee kutaa qorannoo yakka ajjeechaarraa argame ni mul’isa.
Manni Murtii Federaalaa ramaddii Liddaataa dhaddachii yakka cimaa fi ajjeechaa sadarkaa 1ffaa dhimmicha qorachaa turuu eerameera.
Shakkamtuun yakkicha raawwachuu ragaa sanadaa fi namaan mirkanaa’eera.
Manni Murtichaa yakkamtittii hidhaa cimaa waggaa 18 adabuu isaa ibsameera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.