Fana: At a Speed of Life!

Himatamtuun hojjettuu isheerraan miidhaa geessiste hidhaa fi maallaqaan adabamte

Finfinnee, Amajjii 23, 2015 (FBC)- Magaalaa Walisootti himatamtuun hojjettuu isheerratti gara jabinaan miidhaa geessiste hidhaa cimaa waggaa 15 fi maallaqaan adabamte.

Himatamtuun Birhaanee Maammoo jedhamtu Caamsaa 17, 2014 hojjettuu mana ishee harkaa fi miilla ishee shiboo fi haadaan hiidhuun ulee qoraattii qabuun reebicha irraan geessisuun miidhaa geessisteen to’annoo poolisii jala oolfamuun kan yaadatamuudha.

Bu’uuruma kanaan Abbaan Alangaa himannaa banuun galmee qorannoo ragaadhaan qulqulleessee, Mana Murtii Olaanaa Godina Shawaa Kibba Lixaatiif dhiyeesseera.

Manni Murtii Olaanaa Godina Shawaa Kibba Lixaa himannaa yakkicha erga ilaaleen booda ragaa namaa, mana yaalaa, suuraa fi viidiyoon deeggaruun balleessaa ta’uu mirkaneesseera.

Dhaddacha Amajjii 22, 2015 ooleen, himatamtuun guyyaa to’annoo jala oolte irraa kaasee hidhaa cimaa waggaa 15 fi Birrii 3,000’n akka adabamtu murteesuu OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.