Fana: At a Speed of Life!

Hindi yeroo jalqabaaf namoota gara hawaatti erguufi

Finfinnee, Muddee 23, 2012 (FBC) – Ejensiin Hawaa Hindii yeroo jalqabaaf namoota 4 gara hawaatti erguuf qophiirra jiraachuu beeksiseera.

Karoorri kunis hanga bara Faranjootaa 2022tti hojii irra kan ooludha jedhame.

Biyyattiin Ameerikaa, Raashiyaa fi Chaayinaatti aanuun biyyoota addunyaa namoota gara Hawaatti ergan 4ffaffaa ta’uuf abdiin hojjechaa jirti jedhameera.

Kanuma dhugoomsuuf  Mankuraakuriin  namoota lama yookaa sadi qabattee torbee tokkoof lafa naanna’uu dandeessu hojjetamuu ishee ibsameera.

Dura taa’aan dhaabbata qorannoo hawaa Hindii Kee. Siivaan bara haaraa ilaalchisee ibsa gaazeexeesummaa laataniin, torbee muraasa booda  qorattoonni hawaa 4 gara Raashiyaa imaluun leenjii fudhachuu kan eegalan ta’uu ibsaniiru.

Yeroo dhiyoottis Roobootii gara Baatiitti erguuf galma karoora ‘Chaandiraayaan’ milkeessuuf mootummaa irraa eeyyama argachuu dura taa’ichi dubbataniiru.

Karoora Roobootii gara Baatiitti erguu bara Faranjootaa 2021tti kan milkeessan ta’uu ibsaniiru.

Maddi:-NPR

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.