Fana: At a Speed of Life!

Hinditti guyyaa tokkootti namoota kuma dhibba 2 olirratti vaayrasiin koroonaa argame

Finfinnee, Eebila 7, 2013 (FBC) – Hinditti yeroo jalqabaaf guyyaa tokkootti namoota kuma dhibba 2 fi 739 olirratti vaayrasiin koroonaa argamuu Ministeerri Fayyaa biyyattii beeksiise.
Biyyattiitti yeroo ammaa hanqinni siree ciisichaa fi Oksijiinii muudachuu Ministeerichi beeksiiseera.
Hinditti hanga ammaatti namoota miiliyoona 14 ol dhibichaan qabaman keessaa lubbuun namoota kuma dhibba 1 fi kuma 73 fi 123 darbeera.
Sa’aatii 24 keessaatti lubbuun namoota kuma 1 fi 38 darbuu ibsameera.
Lammiileen biyyattii miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 11 talaallii dhibichaa argataniiru jedhame.
Maddi:- Al Jazeera
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.