Fana: At a Speed of Life!

Hinditti lakkoofsii namoota vaayrasii koroonaatin qabamanii miiliyoona 5 darbe

Finfinnee, Fulbaana 6, 2013 (FBC) – Ka’uumsa isaa Chaayinaa magaalaa Wuhaan kan taasisee vaayrasii koroonaa baatiwwan keessaatti tamsa’ina isaa biyyoota addunyaa waliin ga’aa jira.

Hinditti lakkoofsii namoota vaayrasii koroonaatin qabamanii miiliyoona 5 darbu ibsame.

Biyyattinis Ameerikaatti anuun vaayrasiicha hubamaa jiraachuu ibsameera.

Hinditti guyyaa tokkotti namoonni kumni 90 ol vaayrasichaa qabama jiru.

Biyyichatti tamsa’inni vaayrasichaa ariitiin dabalaa jira.

Hanga ammatti biyyattitti namoonni kumni 80 ol vaayrasichaa lubbuun isaanii dhabaniiru.

Sababa dhibichaan namoota dhukkubichiitti hammaate yaaluuf hanqinni dhiyeessi oksiijinii muul’dhateera.

Biyyattittiis tamsa’inni vaayrasicha kan hammaate baatii Bitootessaa dhorkiin sochii ka’amee ture erga ka’ee boodadha.

Addunyaarrattiis namoonni miiliyoonni 29 olii vaayrasichaan yoo qabaman, lubbuun namoota kuma dhibba 9 olii darbeera.

Maddi:-BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.