Fana: At a Speed of Life!

Hinditti sa’aatii 24 darbe keessatti namoonni kumni dhibbi 4 ol koroonaan qabaman

Finfinnee, Eebila 24, 2013 (FBC) – Hinditti sa’aatii 24 darbe keessatti namoonni kumni dhibbi 4 ol vaayrasii koroonaan kan qabaman yoo ta’u, lubbuun namoota kuma 3 fi 689 darbeera.

Biyyattiitti weerarichi guyyaa guyyaan dabalaa jiraachuu ibsameera.

Guyyaa kaleessaa qofa namoonni kumni dhibbi 4 fi kumni 2 fi 392 dhibichaan qabamaniiru.

Sababa hanqina Oksijiin lubbuun namootaa darbaa jiraachuu eerameera.

Hanga ammaatti Ameerikaa dabalatee biyyoonni 40 ol Hindiif deeggarsa Oksijinii taasiisaniiru jedhame.

Maddi:- BBC fi Al jazeera

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;https://www.facebook.com/fanabroadcasting

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.