Fana: At a Speed of Life!

Hiriira mormii Sudaanitti gaggeeffamaa jiruun namoonni 4 ajjeefaman

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2014 (FBC) – Hiriira mormii Sudaanitti adeemsifamaa jiruun hanga ammaatti namoonni 4 ajjeefamuu gabaafameera.

Hiriira mormii magaalaa Omdurmaan keessatti gaggeeffame irratti rasaasa humnoota nageenyaatiin namoonni 4 ajjeefamuu Koreen Giddugaleessaa Dooktoroota Sudaan ibseera.

Bulchiinsi Mootummaan waraanaa biyyattii mormii miiliyoonootaa sodaachuun tajaajila bilbilaa fi interneetii addaan kutuun isaa ibsameera.

Mormiin kun humnoota mormitootaa fi aktiivistoota Sudaaniin kan waamame yoo ta’u, kaayyoo guddaan hiriirichaa mootummaan waraanaa kun aangoo namoota siiviiliif akka dabarsu gaafachuudha jedhame.

Fincila bara Faranjootaa 2019 gaggeeffameen namoota nagaa humnoota nageenyaan ajjeeffamaniif haqa gaafachuu ta’uus himameera.

Namoota mormii kanaan ajjeefamaniin alattis namoonni hedduun madaa’uu Aljaziiraan Koree Giddugaleessichaa wabeeffachuun gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.