Fana: At a Speed of Life!

Hiriirri deeggarsa RIB naannolee garaagaraatti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 20, 2015(FBC)- Hiriirri deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaa naannolee biyyattii  garaagaraa keessatti gaggeeffamaa jira.

Hiriirri deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaa naannolee Sidaamaa, Uummattoota Kibbaa, Somaaleefi Beenishaangul Gumuzitti gaggeeffamaa jira.

Naannoo Uummattoota Kibbaa magaalota Arbaa Minciifi Diillaatti hiriirri deeggarsaa Raayyaa Ittisa Biyyaa dhaadannoo “Raayyaan Ittisa Biyyaa Keenya Ityoophiyummaa Keenya” jedhuun ganama bariirraa eegalee gaggeeffamaa jira.

Bifuma walfakkaatuun hiriirri kun naannoo Sidaamaa magaalaa Hawaasaa, naannoo Somaalee magaalaa Jigjigaafi naannoo Beenishaangul Gumuz magaalaa Asoosaatti gaggeeffamaa jira.

Hirmaattonni hiriirichaa dhaadannoowwan garaagaraa qabatanii bahuun aantummaa Raayyaa Ittisa Biyyaaf qaban ibsataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.