Fana: At a Speed of Life!

Hiriirri deeggersa RIB Godina Harargee Bahaa fi Magaalaa Maayaaatti gaggeefame

Finfinnee, Caamsaa 20, 2015(FBC)- Hiriirri deeggersa Raayyaa Ittisa Biyyaa Godina Harargee Bahaa fi Magaalaa Maayaaatti gaggeefameera.

Rayyaan Ittisa biyyaa kan ijaarame sabaafi sab-lamoota biyya teenyaati; Kanaafuu mallattoo Ityoophiyaa tahudhaan beekama kan jedhan hirmaattonni hiriirichaa, deeggarsiifi jaalalli Raayyaa Ittisa Biyyaaf qabnu cimee itti fufa jechuun aantummaa qabaniif ibsan.

Kantiibaan magaalaa Maayaa Dooktar Ifraahaa Waaziiriin haasawaa taasisaniin, Rayyaan Ittisa Biyyaa nagenya biyyaatiif wareegama qaalii kaffalaa biyya diinoota garaagaraa irraa tiiksaa kan jiru ta’uu kaasuun, deeggersaa wal irraa hin cinne taasisu qabnaaf jedhan.

Meejer Jeneraal Mallas Mangisteen gamasaaniin, deeggarsa jiraatonni godina Hararge Bahaa fi Magaalaa Maayaa hanga ammatti taasisaa turaniif galateeffataniiru.

Kadir Shamshaddiintu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.