Fana: At a Speed of Life!

Hirmaannaa damee dhuunfaa guddisuuf fooyya’iinsi diinagdee biyya keessaa haaraan taasifamuuf ta’uu himame

Finfinnee, Bitootessa 16, 2015(FBC)- Qaawwaa Diinagdee Gooroo Ityoophiyaa dhiphisuun hirmaannaa damee dhuunfaa daran guddisuu kan dandeessisu fooyya’iinsi diinagdee biyya keessaa haaraan taasifamuuf ta’uu Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen ibsan.

Guddina diinagdee Ityoophiyaa itti fufsiisuu kan dandeessisu fooyya’iinsi diinagdee haaraan waan barbaachiseef fooyya’iinsa diinagdee biyya keessaa 2ffaa taasisuuf qophiin xumuramuu TOI’tti himaniiru.

Fooyya’iinsi diinagdee kun hojii deebisanii dhaabuu saffisiisuufi qaawwaa diinagdee gooroo dhiphisuun hirmaannaa damee dhuunfaa guddisuu kan dandeessisu ta’uu eeraniiru.

Sababoota keessoofi alaan dhiibbaa diinagdeerratti uumame hir’isuuf kan gargaaru ta’uus addeessaniiru.

Dhiibbaa diinagdee dandamachuun qaala’iinsa gatii to’achuuf, dandeettii sharafa alaa fooyyessuufi invastimantii guddisuuf tarkaanfiin imaammataa walitti fufiinsa qabu kan fudhatamu ta’uu dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.