Fana: At a Speed of Life!

Hirmaannaa invastaroota biyya keessaa guddisuuf hojimaanni haaraan diriirfamaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 21, 2012 (FBC) – Hirmaannaa invastaroota biyya keessaa guddisuuf hojimaanni haaraan diriirfamaa jiraachuu Koomiishiniin Invastimantii Ityoophiyaa beeksise.

Hanqina muuxannoorraa kan ka’e fedhiin abbootiin qabeenyaa biyya keessaa damee oomishaarratti bobba’uuf qaban xiqqaadha jedhan koomiishinarri koomiishinichaa Abbabaa Ababaayyahu.

Labsiin dhiyeenya fooyya’ee ragga’e garuu hirmaannaa isaanii dabaluu dandeessisa jedhaniiru.

Hirmaannaa damichaa guddisuuf abbootiin qabeenyaa biyya keessaa abbootii qabeenyaa biyyootii alaa waliin qindoomanii akka hojjetan filannoon kaa’ameera jedhan.

Baatiiwwan ja’an darbanitti damichaaf xiyyeeffannaan kennamuus ibsaniiru.

Paarkota indaastirii seenanii akka oomishan dhaabbilee 17 waliin waliigalteen mallattaa’ee, 7 hojii eegalaniiru jedhan koomiishinarichi.

Tigist Abrahaamtu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.