Fana: At a Speed of Life!

Hoggansa olaanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI 65f muudamni laatame

Finfinnee, Amajjii 9, 2012 (FBC) – Hoggansa olaanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI 65f muudamni laatame.
 
Muudamicha dhiyeessummaa muummee ministiraa fi ajajaa waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin, preezdaantii FDRI Saahilawarq Zawdeetin laatame.
 
Sirnicharratti haasaa kan taasisan muummee ministiraa fi ajajaan waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI Dooktar Abiy Ahimad, raayyaan ittisaa Ityoophiyaa biyyasaatti kan boonu, biyyaasaa kan boonsu, gootummaasaa kan mirkaneesse, injifachuun yeedaloosaa, injifachuun afaansaa kan ta’e, kan ofii kan hin laanne, kan ormaa kan hin fudhanne, nageenya waan hundaa ol leellisuuf kan of xiqqeessu jedhaniiniru.
 
Raayyaan ittisaa keessootti nagaa fi tasgabbii, alaan birmadummaa biyyaa kabachiisaa jiras jedhaniiru.
 
Muudamichi kan laatameef ergama isaanii sirnaan ba’achuu fi fuldurattis ni ba’atu amantaa jedhuun ta’uu ibsan.
 
Diinqa hiyyeessaatii amma haamaa midhaan qonnaan bulaatti bobba’ee kan jirudha jedhaniiru.
 
Biyya bakka bu’ummaa hin qabneef raayyaa ittisa biyyaa adda isaanii laatan, Ityoophiyaan gootota horachuu itti fufteetti jedhan muummee ministiraa fi ajajaan waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
 
Har’a hoggansi raayyaa ittisaa muudamaaf ga’anis kanaaf adda duree ta’uu isaanii kaasaniiru.
 
Muudama raayyaa ittisa biyyaa olaanaa har’aarratti hirmaannaa walqixxummaa dubartootaa guddisuuf dubartoota lakkoofsi isaanii olaanaa ta’eef muudamni laatamuu ibsaniiru.
 
Muudamichi sabdaneessummaa kan eeggate ta’uu muummee ministiraa fi ajajaa waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsaniiru.
 
Muummee ministiraa haasaa isaanitiin raayyaan ittisa biyyaa kan dhaabbatu kabajamuu duudhaa heera mootummaa qofaaf ta’ee, hunda walqixxummaan walaba ta’ee ni tajaajila jedhaniiru.
 
Raayyaan ittisaa hedduminni yaadaa fi sabdaneessummaa akka jiru beekee, siyaasarraa walaba ta’uudhan dhaabbachuu akka qabu kaasan.
 
Waan hundi birmadummaa biyyaa hin caalu kan jedhan Dooktar Abiy, humnoonni siyaasaa heera mootummaa kabajanii socho’uun dirqama isaanii ta’uu yaadachiisaniiru.
 
Hoggansi jeneraalaa oolmaa fi hojii isaanitiin kan madaalaman ta’uu ibsanii, oolmaa fi hojii isaanii akka miidhagsan dhaamaniiru.
 
Eetaa Maajoorri Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI Jeneraal Adam Mahaammad hoggansa raayyaa ittisaa muudamni laatameefin baga gammaddan jedhanii, dirqama itti laatame akka ba’atan dhaamaniiru.
 
Raayyaan ittisaa birmadummaa fi nageenya biyyaa kabachiisuun ergama heera mootummaan laatameef ba’achaa jira jedhan.
 
Aantummaa isaa ummataaf taasifachuudhan tajajailaa jiras jedhaniiru.
 
Hoggansi raayyaa ittisaa muudama argatan 65 yoo ta’an, isaan keessaa 6 leetnaal janaraal, 19 meejar janaraal, 40 ammoo birgaadeer janaraala.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.