Fana: At a Speed of Life!

Hoggansi biirolee misooma beelladaa naannolee afurii, inistiitiyuuticha waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandha 25, 2012 (FBC) –Hoggansi biirolee misooma beelladaa naannolee afurii, Inistiitiyuutii Eegumnsa Fayyaa Beelladaa Biyyoolessaa waliin mari’atan.
 
Maricharratti qooda fudhattoonni naannoo Oromiyaa, Amaaraa, Tigraayii fi naannoo Kibbaa hirmaataniiru.
 
Xiyyeeffannaan waltajjichaa raabsaa talaallii beelladaa, hojii dhibee duursanii ittisuu, kenniinsa talaalliirratti.
 
Gabaasni oomisha talaallii, raabsaa, hordoffii dirree, qorannaa fi talaallii misoomsuu dhiyaatera.
 
Hoggansii fi bakka buutonni naannoleetis muuxannoo ofii dhiyeessaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.