Fana: At a Speed of Life!

Hoggansi Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa fi Boordii Filannoo Biyyoolessaa qophii filannoorratti mari’atan

Finfinnee, Amajjii 22, 2012 (FBC) – Hoggansi Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa fi Boordii Filannoo Biyyoolessaa qophii filannoorratti mari’atan.

Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa fi Boordiin Filannoo Biyyoolessaa walabummaa dhaabbilee isaanii eeganii, loogirraa bilisa ta’uudhan hojjechuuf qophii filannoo biyyoolessaarratti mari’ataniiru.

Labsii fi tumaalee filannoorratti hubannoo waloo qabachuuf mari’ataniiru.

Preezdaantiin Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa aadde Ma’aazaa Ashannaafii fi walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyoolessaa aadde Birtukaan Miidhagsaan qophiilee taasifamanirratti mari’ataniiru.

Qabiyyee fi raawwii labsii filannoo fi paartilee siyaasaa lakkoofsa 1162/2011 irratti mari’ataniiru.

Dhimmoota gara mana murtii geessuu malanii fi amaloota isaanii, filannoo fi dhaddacha gurmeessuu, murtee fi amanamtummaa ummataa argachuu, haqa qabeessummaa fi yeroo gabaabaatti murtee argachuu, leenjii abbootii seeraarrattis mari’ataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.