Fana: At a Speed of Life!

Hoggansi naannolee hordoftoota amantaa Islaamatiin baga ayyaana Arafaa geessan jedhan

Hoggansi naannolee hordoftoota amantaa Islaamatiin baga ayyaana Arafaa geessan jedhan

Finfinnee, Adoolessa 23, 2012 (FBC) – Hoggansi naannolee hordoftoota amanataa Islamaa maraan baga ayyaana Iid Al Adihaa 1441ffaa yookin Arafaatin ittiin isin ga’e jedhan.

Preezdaantiin naannoo Amaaraa obbo Tamasgeen Xiruunah, preezdaantiin naannoo Beenishaanguul Guumz obbo Ashaadlii Hasan, itti aanaan preezdaantii naannoo Somaalee Musxafee Mahaammad Umar, itti aanaan preezdaantii naannoo Kibbaa obbo Ristuu Yirdaaw, preezdaantiin naannoo Hararii obbo Oordiin Badriin hordoftoota amantaa Islamaa maraan baga geessan jedhaniiru.

Ayyaanni Iid Al Adihaa/ Arafaan bara Hijraa 1441ffaan booru guutuu biyyaatti kabajameet oola.

Hoggansi naannolee ergaa baga geessanii dabarsaniin ayyaanicha walii yaaduun, kan rakkatan gargaaruun yaa kabajnuun dhaamaniiru.

Guutinsa bishaanii Hidha Haaromsaa marsaa jalqabaa milkeessuun dhugoomuu hidhichaarratti yeroo abdiirra geenyerra jirras jedhan.

Weerara vaayrasii koroonaa ofirraa ittisuun, nagaa biyyaa mirkaneessuuf yaa hojjennuunis dhaamaniiru.

Ayyaanichi weerara vaayrasichaa ittisuun, akka of hin dagannetti, of eeggannaa cimsuun akka kabajamuu qabus gaafataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.