Fana: At a Speed of Life!

Hoggansii fi ogeeyyiin miidiyaa biqiltuu dhaaban

Finfinnee, Adoolessa 21, 2012 (FBC) – Hoggansii fi ogeeyyiin miidiyaa Finfinnee keessatti teessoo isaanii godhatan biqiltuu dhaaban.

Ummanni biqiltuu akka dhaabu miidiyaaleen kakaasan fakkeenyummaa isaanii mirkaneessuuf hoggansii fi ogeeyyiin isaanii har’a Giddugala Biqiltuu Gullalleetti biqiltuu dhaabaniiru.

Sagantaa dhaabbii biqiltuu kanarrattis hoggansii fi ogeeyyiin Faanaa Broodkaastiing Koorporeet hirmaataniiru.

Sagantaa kanarratti hoji gaggeessaa olaanaan Faanaa Broodkaastiing Koorporeet obbo Baqqalaa Muullataa, itti aanaan hoji gaggeessaa obbo Biruuk Kabbadaa, hoggansii fi ogeeyyiin dhaabbatichaa biroon hirmaataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.