Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni mootummaa fi miidiyaalee adda waraanaa Maayixaabirii galan

Finfinnee, Fulbaana 7, 2014 (FBC) – Hoggantoonni mootummaa fi miidiyaalee lammiilee miidhaman gargaaruuf adda waraanaa Maayixaabirii galaniiru.
Hoggantoonni kunneen maatii lammiilee nagaa garee shororkeessaan ajjeefamanii kan dubbisan ta’uus ibsameera.
Gootoota raayyaa Ittisaa adda waraanaatti argamanis kan daawwatan ta’uu ibsameera.
Gorsaa hariiroo alaa fi qunnamtii ummataa waajjira Paartii Badhaadhinaa Dooktar Biqilaa Hurrisaa fi Daayreektara Qunnamtii Ummataa Raayyaa Ittisaa Kolooneel Geetinnat Adaanee dabalatee hoggantoonni mootummaa fi miidiyaalee Ityoophiyaa biroon argamaniiru jedhame.
Hoggantoonni kunneen wayita adda Waraanaa Maayixabirii ga’an bulchaa bulchiinsa Goondar Kaabaa obbo Yaala’alem Faantahuuniin simatamuu AMC gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.