Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni Olaanoo Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kaabaatti Qamadii jallisii boneen misoome daawwatan

Finfinnee, Caamsaa 15, 2015 (FBC) – Hoggantoonni Olaanoo Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Abbuchii fi Nya’aatti Qamadii Jallisii boneen misoome daawwataniiru.

Aanaa Abbichuu fi Nya’aa Ganda Dirmaatti lafa hektara kuma 5 irratti Qamadii Jallisii boneen misoomuu ibsameera.

Godinichaatti Qamadiin Jallisii Boneen yeroo jalqabaaf misoome bu’aa gaarii argamsiisaan kan abdatamu ta’uu Itti Gaafatamaan waajjira Qonnaa Godina Shawaa Kaabaa Obbo Masaay Warquu himaniiru.

Godinaalee Oromiyaa 21 keessatti Qamadii Jallisiin lafa hektaara miiliyoona 1.1 ol irratti misoomeerraa callaa kuntaala miiliyoona 38.5 argachuuf karoorfamee hanga ammaatti kuntaalli miiliyoonni 33 ol sassaabamuu Hogganaan Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu ibsaniiru.

Bahaayiluu Baaneetu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.