Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni olaanoon garee ABUT to’annoo seeraa jala jiran mirgi namoomaa isaan kan eeggame ta’uu ibsame

Finfinnee, Amajjii 18, 2013 (FBC) – Boordiin sakattoo raawwii labsii yeroo ariifachiisaa naannoo Tigraay hoggantoonni olaanoon garee ABUT to’annoo seeraa jala jiran mirgi namoomaa isaan kan eeggame ta’uu beeksiseera.

Boordichi hoggantoota to’annoo seeraa jala jiran kan dubbise yoo ta’u, shakkamtoonni kunneen mirgi namoomaa isaan kan eeggame ta’uu miseensota boordichaaf himaniiru.

Boordiin sakattoo raawwii labsii yeroo ariifachiisaa naannoo Tigraay shakkamtoota magaalaa Finfinneetti argaman kanneen iddoo jiranitti qaamaan argamuun hojii qulqulleessuu gaggesseera.

Shakkamtoonni hundi haala hin eegneen kunuunsii fi qabiinsi gaariin taasiifamaafii jiraachuu Boordii sakattichaaf himaniiru.

Gama biroo biroon shakkamtoonni muraasni lakkoofsi herreega baankii fi mindaan isaanii ugguramuu isaan maatiin isaanii rakkoof saaxiluu miseensota Boordichaaf ibsaniiru.

Gariin ammoo akkaataa seerri jedhuun ariitiin mana murtiif dhiyaachaa akka hin jirre ibsuun, Boordiin sakattoo raawwii labsii yeroo ariifachiisaa kun dhimmacha qulqulleessuun furmaanni akka laatamuuf gaafataniiru.

Miseensoonni Boordii sakattoo raawwii labsii yeroo ariifachiisaa kunneen gama isaaniin, mirgi namoomaa fi qabiinsi taasiifamaa jiru gaarii ta’uu eeruun, cimee itti fufu akka qabu hoggantoota qorannoo yakkaa Komishinii poolisiif ibsaniiru.

Komii shakkamtoonni kunneen dhiyeessan qaama dhimmi ilaallatu waliin ta’uun hiikuuf kan hojjetan ta’uu walitti qabaan boordichaa obbo Lammaa Tasammaan ibsuu isaanii ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummatarraa argame ni agarsiisa.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.!

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.