Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni olaanoon garee ABUT to’atamuun naannichaatti abdii uumeera – obbo Nabiyyuu Sihuul

Finfinnee, Amajjii 6, 2013 (FBC) – Hoggantoonni olaanoon garee ABUT to’atamuun naannichaatti abdii uumuu itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa naannoo Tigraay obbo Nabiyyuu Sihuul ibsaniiru.
Ummaanni Tigraay baroota dheeraaf cunqursaa fi dhiibbaa garee finxaaleyyii kanneenii jala turuu ibsaniiru.
Hoggantoonni adda dureen garee juuntaa to’atamuun ummata Tigraayiif bilisumaa fi abdii guddaa kan uume ta’uu eeraniiru.
Hoggantoonni garee badii kunneen to’atamuu eegaluun ergaa guddaa qaba kan jedhan obbo Nabiyyuun, qaamni sadarkaa kamiyyuurraa jiru seeraa gadi ta’uu fi yeroo isaa eeggatee gaafatamuun isaa kan hin oolle ta’uu kan muul’iseedha jedhan.
Ummata Tigraayyiif boqonnaan jijjiirramaa ifatti banamuu eegaluu isaa dubbataniiru.
Maddi:-DhPI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.