Fana: At a Speed of Life!

Hooggantoonni Paartii Badhaadhinaa naannoo kibbaa haala yeroorratti mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 28, 2012 (FBC) – Hooggantoonni Paartii Badhaadhinaa naannoo kibbaa haala waqtaawa biyyaa fi naannorratti mari’ataa jiru.

Marichi magaalaa Hawaasaatti guyyoota lamaaf kan turu ta’a.

Waajjira paartii badhaadhina naannoo kibbatti itti gaafatamaan damee siyaasa obbo Akiliiluu Taadddasaa, sadarkaa naannichaatti kan jiraan hooggantoonni paartichaa dhimma waqtaawa biyyaa fi naannorratti eejjanno waloo qabachuun jijjiirrama jalqabame itti fufsisuu qaba jedhaniiru.

Hooggansichis tokkummasaa cimsun jijjiiraama caaluuf hojjechuu qabaas dhaamaniiru.

Jijjiirramni biyyatti keessaatti muul’ate fooyya’aa ta’us jijjiirramicha sababa godhachuun humnoota biyya diiguuf ergama qaban galmaan gahuuf fedhii isaanii dhugoomsuuf hawaasa gidduutti garagartee uumuuf taattaffi kan taasisaan jiraachuus dubbataniiru.

Hooggansichis rakkoo keessoo furuun jijjiirrama eegalamee itti fufsisuuf hojjechu qaba jechuu ragaan Waajjira Kominikeeshiini Mootummaa Naannoo Kibbaarra arganne ni muuldhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.